Hidhatoonii TPLF Walloo Kaabaa keessatti namoottan nagaa ajjeesan jedhame

Faayilii - Taankii barbadaahe, Humaraa

Hidhattoonni TPLF Walloo Kaabaa aanaa Qobboo jiraattota ganda baadiyyaa Agamsa jedhamuu irratti ajjeechaa raawwatan jechuun mootummaan naannoo Amaaraa himatee jira.

Dubbi himaan mootummaa naannoo Amaaraa obbo Gizaachoo Muluneeh tuuta oduuf har’a Baahr Daar keessatti ibsa kennaniin, haleellaalee raawwataman jedhaman kan fixiinsa jamaa jedha kana hawaasa addunyaaf ragaa dhiyeessuuf ogeessaan qoratamaa jira jedhan.

Gama biraan buqqaatonni walakkaa miliyoonaa ta’an hirmaannaa mootummaa naannoo sanaa fi hawaasichaan nyaati guyyuu dhiyaachaafii kan jiru ta’uu illee dubbi himaan kun ibsaniiru.

Gabaasaa Asteer Misgaanaawu Bahrdaar irraa qopheesitee Tujubetu dhiyeessa.