Komishinarri Itti Aanaan Tuut Koor akka jedhanitti, yaaliin ajjeechaa kun kan raawwatame Jimaata torban darbee, yommuu anga’ootni kunneen daawwannaafi mariif gara Godina Joor dhaqanitti ture.
Yaaliin ajjeechaa kanaan miidhaan dhaqqabe akka hin jirree fi kanneen yaalii ajjeechaa kanaan shakkaman keessaa 25 poolisiin qabamuu ibsan.