FINFINNEE —
Mana jireenyaa isaanii keessatti ugguramanii akka jiran hayyu-dureen Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Daawud Ibsaa turtii waggaa tokkoo tii booda alatti mul’ataniyyuu hojjetoota tika nagaa mootummaatiin akka hordofamaa jiran, Paartiin isaanii beeksisee jira.
Gama biraatiin, itti-gaafamaan quunnamtii uummataa paartichaa, Obbbo Battee Urgeessaa wabiidhaan gad-lakkisamanii wal’aansa fayyaatiif hospitaalatti kan argaman tahuu, qondaalli siyaasaa ABO, Obbo Waaqoo Noolee VOAtti himanii jiru.
Your browser doesn’t support HTML5
Obbo Daawud Ibsaa Uggurama Waggaa Tokkoo Booda Alatti Mul’ataniyyuu Hodoffiin Irraa Hin Dhaabanne Jedha, ABOn