Oduu Muummichi Ministaraa Somaaliyaa Akka Mariin Wal-dhibdeen Siyaasaa Furamu Waamicha Dhiheessan Elba 27, 2021 VOA Namoota siviilii dhukaasa dhagahamaa ture jalaa dheeffan, Moqaadishoo Ebla 26, 2021. WAASHINGITAN, DIISII — Somaliyaa keessatti eegaa halkan dheengaddaa walitti bu’iinsi deggeertootaa fi mormitootaa prezidaantii biyyattii Mohaamed Abdullaahii Mohaamed giduutti uumamee booda, Muumichi ministeeraa biyyaitii Mohaamed Huseen Roobilee akka tasgabbiin bu’ee wal-dhibdee jiru furuuf mariin jalqabamu waamicha dhiheessan. Your browser doesn’t support HTML5 Muummichi Ministaraa Somaaliyaa Akka Mariin Wal-dhibdeen Siyaasaa Furamu Waamicha Dhiheessan Paarlamaan biyyattii aanngoo prezidaant Mohaamad Abdullaahii Mohammad dheeressuu irraa kan kahe wal-dhibdeen jiru gara lola qawweetii jijjiramuu mala kan jedhu sodaa qabu xiinxaltoonii.