Ayyaana Irreechaa Onkoloolessa 2 bara 2016 irratti jeequmsa kakaasuun du’a namoota 55f sababaa namoonni jedhaman guyyaa harraa himannaan irratti baname.
Your browser doesn’t support HTML5
Mormii Ayyaana Irreechaa Bara Darbeetiin Wal-qabatee Namoota Lama Irratti Himannan Baname
Gaabaasni Faanaa Brooddkaastiing Korporeetii akka mullisutti abbaan alangaa namoota lama: Tufaa Malkaa,Irreecharratti jaarsoliirraa maayikii saamuun jeequmsa uumuun, Kadir Badhaasoo namni jedhamu immoo waltaajii duubaa taa’ee bilbila fayyadamuudhan jeequmsa qindeessaa ture jedha.
Miidiyaaleen gaafas achitti argaman “Daawon Daawon Wayyaanee” dargaggoo jechaa ture viidiyoodhan warabanii gabaasuun hin yaadatama.
Dargaggoon sun, Gammadaa Waariyoo, amma jiruu baqaatiin Masrii jira. Himanna abbaan alangaa bane laachisee guyya gaafasii waan argee fi waan beeku akka nuu ibsu gaafaneerra.
Gammadaa Waariyoo
Akka inni jedhutti abbootiin gadaa ofiif "namoota tasgabbeessaa" jedhanii dargaggootatti maayikii kennan malee namni tokko harka isaanitii hin fune.
Darbees, ofii isaatii aarii qaburraa ka’e gara waltajii bahuu usaa dubbata.
Your browser doesn’t support HTML5
Ayaana Irreechaa Bishooftutti Sambat-duraa darbe danqame irratti reefa namoota dhumanii boolo keessaa baasudhaa warra achtti kaleessa tattaafachaa turan keessa tokko maatiin mana tokko namni shan jalaa du'e jiraachuu dubbata