Embaasileen Biyyoota 13 fi Jilli Gamtaa Awuroopaa Haala Filannoo Itiyoophiyaa Irratti Ibsa Baasan

  • VOA

(Suuraa faayilii)

Waxabajjii 21 bara 2021 biyyatti harka caalaa keessatti filannoon gaggeeffamuu fi baatill Fuulbaana dhufuus lafa filannoon hin gaggeeffamiin jiruutti gaggeeffamuuf akka jiru ibsuun michoota addunyaa kan bara dheeraa akkuuma taanee Itiyoophiyaan gara bulchiinsa daran Demookraataawaa ta’e fi uuammata adda addaa ka biyyatti kan hirmaachiisetti akka ceetuuf ni deggerra jedha.

Bordiin filannoo seera filannoo foyyessuun tarkaanfii barbaachisoo ta’an fudhachuun deemsa dhugaa paartilee siyaasaa, hawaasa sivilii fi midiyaa hirmaachisee gaggeessee jira kan jedhu ibsi embaasilee kun, hawaasnii siviiliis filannoo kana keessatti qooda olaanaa fudhachu ibsee jira.

Filannoon ammaa kun qormaataa haala rakkisaa ta’e fi haala siyaasaa daangeeffame keessatti kan gaggeeffamee yoo ta’u kunis miseensonni paartii mormiituu hidhamanii, bakka buutoonni midiyaa dorsiifamaa fi paartileen walaba ta’anii duula na filadhaa gaggeessuu haala hin dandeenye keessatti ture jedha.

Naannoo hedduutti rakkoon nageenyaa kan jiru yoo ta’u namoonni manaa fi qe’e isaanii irraa godaanan galmaa’uu ykn itti hirmaachuu hin dandeenye.Filannoo walii galaa kana keessatti dubartoonni aangoo qabachuuf dorgoman lakkobsaan gad bu’ee sadii keessaa harka tokko ta’eera.

Filannoo gaggeessuu qofti ce’uumsa demookraatawaa argamsiisuu ykn rakkoo siyaasaa mudatan furuu waan hin dandeenyeef jecha mootummaa fi hawaasa Itiyoophiyaa keessaa kanneen qooda keessaa qaban, marii hunda hirmaachisee fi hiikoo ta’u gaggeessuun furmaata karaa nagaaf cicha qaban akka agarsiisan gaafanna jedhan.

Kunis Itiyoophiyaa keessatti Deemokraasii dagaagsuuf akkasumas walitti bu’iinsa biyyatti keessaa hanqiisuun , haala Tigraay keessaaf furmaata siyaasaa barbaachu dabalata jedhan.

Embaasileen ibsa kana baasan kan Ostriyaa, Awustraaliyaa, kaanaadaa, Deemark, Jarmanii, Ayerland, Jaapaan, Lugzamberg, Niwzilaand, Norweey, Neezerlands, yunaaytid Kingdam fi jila gamtaa Awuroopaa Itiyoophiyaa keessaa ta’uun beekamee jira.