Itiyoophiyaa keessatti deemsii filannoo ture walii galaan ulaagaa kan hin guunnee ta’u paartiin Izeemaa ibsee jira.Filannoon marsaa 6ffaa gaggeeffame rakkoo hedduun marfamee akka ture, paartichii iyyannoo qabxilee 400 qabu bordii filannoof dhiyeessee akka ture ibsee jira.
Guyyaa sagaleen itti kennamee duraa qabee deemsa filannoo tureen bulchiinsa naannoo adda addaa keessatti qoramsi hedduun isa mudachuu isaa kan ibsan itti aanaa hogganaa paartichaa Obbo Anduu’aleem Arraagee keessumaa Oromiyaa keessatti rakkoon mudatee hamaa takka ture, ba’iin filmaatichaas duraanuu kallattii isaa irraa maqaee jira jedhan.
Bordiin deebii hin kennuu taanaan himata kan dhiyeessuu ta’u ibsa kaleessa baaseen Izeemaan beeksisee jira.Bordiin filannoo gama isaan kan amma deebii kennaa jiru guyyaa sagalee kennuu sana dhimmootii turaniif ta’u ibsee Izeemaan komee qaba taanaan gara qaama seeraa deemuu akka danda’uu ibsuu iss keeneedii Abaatee Finfinnee irraa gabaasee jira