Oloompiikii Riyoo bara 2016 irratti mallattoo mormii Oromiyaa harka isaa qaxaamursiisee agarsiisudhan roorroo ummata isaa irra gaha jedhe addunyaatti an agarsiise atleetii Oromoo bekkamaan Fayyisaa Leelisaan torbanoota muraasa keessatti biyyatti deebi’uuf murteessuu VOA-tti himeera.
Your browser doesn’t support HTML5
Atleet Fayyisaa Leelisaa Biyyatti Galuuf Murteesse
Ibsa Koree Olompikii Itoophiyaa fi Federeeshinii Atleetiksiitin harra bahe
Koreen Olompikii Itoophiyaa fi Federeshiniin Atleetiksi Itoophiyaa ibsa Kibxata harraa wajjin baasaniin, atleet Fayyisaan akkuma kana duraa dirree ispoortii addunyaa gurguddaa irratti firii gaarii galmeesuuudhan alaabaa biyyatti ol jedhee akka balai’uu godhaa ture ammas biyyatti deebi’ee gahee isaa tabatu waamicha dhiheessaniifiru.
Yeroo biyya galuttis simannaa atleetii gootaa godhamuun isa simachuuf qophii ta’u isaanii ibsi dhabbanni lamaan baasaan eerera.
Atleeti (Suuraa faayilii)Fayyisaan haati warraa isaatif ijoolleen gaafa gara Yunaaytid Isteets dhufaan oggaa simatu
Atleet Fayyisaanis waamicha kana fudhachuu fi yeroo dhihoo keessatti maatii isaa wajjin gara biyya deebi'uuf qophaahaa jiraachuu beeksiseera.