Israa’el Dilbata Kaleessaa Konkolaattonni Gargaarsaa Gara Gaazaatti Akka Hin Seenne Kan Uggurtee Jirti

  • VOA

FAAYILII- Erga Israa'el meeshaaleen gargaarsaa akka hin seenne dhorkitee booda Konkolaataan gargaarsaa daangaa Masrii Gaazaa waliin wal daangessu irra toola galee argama. Bitootessa 2, bara 2025

Israa’el Dilbata darbe konkolaattonni gargaarsaa gara Gaazaatti akka hin seenne kan uggurtee yoo ta’u, walii galtee waraanaa torban jahan darbaniif lola dhaabe irratti waldhabdee uumame hammaatee ture.

Konkolaattonni gargaarsaa Dibata darbe qaxxaamuraa daangaa Masrii- Raafaa irratti sarara dheeraa irratti danqamanii turan.

Shoofeeronni konkolaattota gargaarsa nyaataa fe'anii deemanii daangaa akka ce’aniif hin ehamamneef,Kanaafis sababaan tokkollee akka hin ibsamnee himaniiru.

Isaan keessaa tokko kan ta’e Mohaamud Kamaal akka jedheetti, Maaliif seenuun dhorkame? Kun gargaarsa dha. Yeroon gara Bosniyaa Herzegovina deemaa turree akka seennu nuuf hayyamama ture.Nyaata gara Somaaliyaa geesseera. Namni na dhorke hin jiru. Asitti, dallaa qofatu Gaazaa irraa adda na baasa, akkan hin seenne dhorkameera jedhe.

Muummichi ministeeraa Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Dilbata darbe akka jedhanitti mootummaan isaanii yaada ergamaa addaa Yunaaytid Isteetis kan Giddu Galeessa Bahaa Isteev Wiitkoof yeroo Ramadaanaa fi Faasikaa Gaazaatti yeroodhaaf dhukaasa dhaabuuf dhiheesse fudhatanii jiran.

Kanaafis kan haalduree ta’u, Hamaas namoota lubbuun jiranii fi du’an keessaa walakkaa guyyaa jalqabaa gadhiisuu, kanneen hafan ammoo xumura irratti gadhiifamu, yoo waliigalteen dhukaasa dhaabuu dhaabbataa irratti ga’ame ta’a.

Garuu gareen shororkeessummaa Yunaaytid Isteetis ramaddee Haamaas, dhukaasa dhaabuu jalqaba irratti waliigalame kan gara marii marsaa lammaffaatti ce’uuf beellamame, cicha qabu ibsun, mariin gaggeeffamuus waraanni kun dhaabbataadhaan akka xumuruuf kan kaayyeffate dha jedha

Haamaas araar teessonni Masrii fi Qaxar akka gidduu seenan gaafachaa jira.