Atileetiin Itiyoophiyaa Feestivaala Ispoortii Raayyaa Itisaa Guutuu Afrikaarratti Fiigichaan Medaaliyaa Warqee Jalqabaa Argatte

Your browser doesn’t support HTML5

Atileet Yeworqwuha Getaachawu Feestivaala Ispoortii Raayyaa Ittisa Biyyaa Guutuu Afrikaa 2ffaa Naayijeeriyaa, magaalaa Abuujaa, keessatti geggeessamaa jiru irratti kaleessa fiigicha meetira kuma shanii injifachuun meedaaliyaa warqee jalqabaa argattee jirti. Odeeffanoo Primerligii Inglizittin Maanchister Siitiin taphoota shan wallitti aansuun injjifatamuun dhiphina keessa yagguu galu, Liveerpuul , Arsenaal fi Cheelsiin morkatoota isaanii injjiffataniru. Dorgommii Laaligaattin immoo Baarselonaan Sanbata darbee Seltaa Vigoo wajjin qabxii qoodhachuu isaatiin kan ka’ee Riyaal Maadriidii carraa liigichaa dursuu bal’iffachaa jira.