BUDAAPEESTI, HANGAARII —
Federeeshiniin Atileetiksii Addunyyaa Atileet Daraartun gumaacha atileetiksii addunyaaf gooteen badhaasa beekamtii kana kennuufii beeksise. Guyyoota sadiif walitti aansuun Haangaarii magaalaa Budaapeestitti gaggeeffamaa kan ture Kora Atileetiksii Addunyaa 54ffaan har’a xumura irra gaheera.
BADHAASA BEEKKAMTII Gargaartuu Komishinarii Daraartuu Tuluuf kenname, Buudapeest, Hangaarii, Hagayya 18, 2023.
Dhumarratti, namoota dhuunfaa guddina atileetiksii addunyaa keessatti gumaacha godhaniif beekamtii kennuudhaan, Kongireessichi Korri 55ffaa fi Shaamppiyoonan Atileetiksii itti aanu Jaappaan Tookiyootti bara 2025, akka ta’u murteessuu isaa odeeffannoon Federeeshinii irraa argame ni mul’isa.
en/tg