Oduu Dargaggoo Hojii Kalaqaa Koovid 19 Ittisuuf Gargaaruun Badhaasa Argate Amajjii 12, 2021 Naakoor Malkaa Dargaggoo Habtaamuu Abbaa Foogii NAAYROOBII — Dargaggoo Habtaamuu Abbaa Foogii jedhama. Injinara Baayoomeedikaalaa Yunivarsiitii Jimmaa fi Dhaabbata Qorannoo fi Qo’annoo ofii isaa hundeesse kan “Sinbona Africa Health Care” jedhamuufis hoji-geggeessaadha. Torban darbe keessa Dhaabbata “Africa youth Award” yokaan Badhaasa Dargaggoota Afrikaa jedhamuun beekamurraa, dargaggoota Afrikaa hojiiwwan kalaqaa, Weerara Kooviidoo-19 ittisuu danda’u gumaachuu fi hojiiwwan biroo hojjetaniin badhaafamtoota tahan 11 ka biroo wajjin badhaafamaa tahuu isaa mirkaneeffatee jira. Your browser doesn’t support HTML5 Dargaggoo Hojii Kalaqaa Koovid 19 Ittisuuf Gargaaruun Badhaasa Argate