Oduu Dinshootti Shofeerri Tokko Ajjeesamuun Hiriira Mormii Kaase Waxabajjii 10, 2020 Diinshoo, Baalee,Oromiyaa ADAAMAA — Godinaa Baalee aanaa Diinshootti Konkolaachisaan konkolaataa guddaa kan maqaan Saadiq Haaji Ibroo jedhamu midhaan irra gahee du’uun walqabatee naannichatti mormii fi muddamni uumamee jira. Maatiin Saadiiq Haaji Ibiroo fi jiraattonni naannoo ajjeechaa sana kan raawwate poolisii Oromiyaati jechuun himatan. Wajjirri Bulchiinsaa fi Nageenyaa Godina Baalee immoo gama isaatiin nama waan kana raawate hin beeknu, qorachuutti jirra, jedhe. Gabaasaa guutuu caqasaa Your browser doesn’t support HTML5 Dinshootti Shofeerri Tokko Ajjeesamuun Hiriira Mormii Kaase