Ibsa Partiilee Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa

Hoggantoota partiilee naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessa sosso'anii

Paartileen siyaasaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa Keessatti sosso’an Itoophiyaa keessatti nagaha buusuf wajjin hojjachuuf murteessuu isaanii ibsa harra kennaniin beeksisan.

Paartiwwan mormituu walii galtee godhame keessatti hirmaatan miidiyaalee fi qaamota ummata Oromoo fi Amaaraa edduutti walitti bu’iinsa uumuuf olola oofan fundura dhaabbachuf murteessuu dubbatanii hojii mootummaan olaantumma seeraa mirkaneessuf hojjatu deeggaruuf qophii ta’uu beeksisan.