Caaltuu Taakkalaa gadi dhiifamtus obboleessa ishee fi namootin biraa ishiin waliin hidhame hin baane

Caaltuu Taakkalaa

Your browser doesn’t support HTML5

Caaltuu Taakkalaa hidhaa baatus obboleessaa ishee fi namoonni biroo hedduun Wallaggaatti hidhaa jiru

Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Komaand Poostiin to'atamtee kan hidhamtee turte Caaltuu Taakkalaa Abeetuu kaleessa gadi dhiifamuu ishee Raadiyoo sagalee Ameerikaatti himteetti.

Isheen lakkifamtus namootni hidhamaa jiru jetteetti. Gama biraan, obboloeessi ishee Sanyii Taakkala ammo hidhamuu ibsiteetti. Magaalaa Gimbii fi Nqamteettis hidhaan itti fufuu jiraattotni dubbataniiru.

Bulchaan Godina Wallagga lixaa obbo Gammachiis Tamasgan Namootni kan hidhaman eeruu hawaasni kennaa jiruuni jedhaniiru.

Gimbiitti itti gaafatamaa waajjira nageennya godina Wallaggaa Lixaa,obboo Teferii Mokonnin komaandi poostiin tohatame jedhu jiraattonni. Isaan kana malee namoota hedduutti hidhamaa jiraa jedhu.