Dararamuu Baqatoota Afrikaa Kan Yaman Keessaa Mootummaan Beeka

  • Jaallannee Gammadaa

Human Rights Watch HRW

Baqatoonni Afrikaa kanneen yaman keessaa irratti dararaan gaggeeffamu tooftaa dhokotaan harkii mootummaa keessa jira jechuun gareen mirga dhala namaaf falmu Hiyumaan Raaytis Waach gabaasee jira.

Gareen kun gabaasaa isaa kanaan akka hubachiiseetti kanneen seeraan ala namoota deddeebisan baqattoota Afrikaa yaman keessa jiran dararaa gara jabinaa irratti gaggeessuun firri isaanii lafa fagoo maallaqa akka ergu bilbilaan doorsisuu jedheera.

Maallaqa haala akkasiin argamu kana irraa aangawoonni mootummaa Yaman kan qoddatan ta’uu gareen kun yeroo duraaf saaxile.

Kanas aangawoota mootummaa biyyattiif kan ibsine ta’us ni haalan jedha gareen kun.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa


Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi Deebii gaggeeffame kutaa 2ffaa caqasaa